tirsdag 24. oktober 2017

IBSA IJJANNOO: Sochiin Biyyaa Itoophiyaa Qabsoon Mootummaa Cunqursaa Wayyaanee Aangoo irraa Kaasuu Jabaatee akka itti fufu waamicha dhiyeessa

Springfield, Virginia USA (22 October 2017)-
(Amharic PDF Oromiffa – PDF | English – PDF  )  Bakka bu’oonni Sochiin Biyyaa Itoophiyaa baatii Onkoloolessaa 20-22, 2017 Springfield, Virginia, biyya Ameerika keessatti teessuma godhatan irratti haala biyya Itoophiyaa keessa jiru baldhinnaa fi gadi-fageennaan xiinxaluun qabsoon demokiraasii, haqaa fi birmaddummaaf godhamaa jiru milkiin akka fulla’uu karooraa fi tarsimoo baasuun xumuree jira.
Teessuma guyyoota sadihiif godhame irratti haala qabatamaa diinaggee, siyaasaa, hawaasummaa akkasumas haala nageenya biyyatti irratti marii bilchaataan godhamee jira. Mariin kuni dhibdiilee biyyattii qunnamaa jiran irra-dibaa tokko malee qulqullummaa fi miiraa iftoominaatiin kan geggeeffame ture. Teessuma kanarratti garaagarummaa jaarmayoota miseensota Sochii Biyyaa Itoophiyaa (SBI) jiddu turan marii fi ilaa fi ilaameen dhiphisuun adeemsi woliin eegalame jabaatee akka itti fufu tarkaanfii mul’ataa fudhatee jira. Haalli biyyattii kan daddaffiin jijjiiramaa fi gariin gara fokkataa fi hin barbaachifne deemaa jiru heddu yaachisaa tawullee, SBI diddaa ummataa, keessattu kan Oromiyaa keessatti itti fufiinsaan godhamaa turee fi jiru, jabaatee itti fufuun warraaqsa jijjiiramaa biyya guutuu keessatti godhamuuf haala aanjessuun isaa abdachiisaa fi boonsaa ta’uu isaa irra deebi’ee mirkaneessa. Sochiin ummatootaa fi haalli biyya keessa jiru akka akeekutti mootummaan Wayyaanee du’uu fi gara boolla isaaf hin oolletti gugataa jiraachuu isaa hubanna. Sochiilee ummanni Oromoo fi ummatoonni Itoophiyaa marti waggootii dabran hedduuf godhaa turanii fi jiran irraa deebinee yoo laallu, umrii jireenya Wayyaanee gabaabsaa jiraachuu agarra. Sochiin
kun ummanni mootummaa kana diduu qofaa osoo hintayin onnee isaa keessaa baasee tufuu akeeka. Akasumas sochiin ummataa wanni akeeku guddaan jijjiirraan bu’uraa biyya san keessatti dhufuu akka qabu muldhisa. Caasaa mootummichaa keessattis humnoonni jijjiirraa fiduuf tattaaffii godhan jiraachuu isaanii hubannee jirra. Kanaafuu gartuulee (OPDO keessatti) tarkaanfattuu jijjjiirraa mootummaa Wayyaanee keessatti argamsiisuuf aantummaa ummataa horatanii sochii jalqaban gammachuun simanna. Jijjiirraan caasaa mootummichaa keessatti eegalame keessattuu humna aantummaa ummataa giddugaleessa taasifachuuf qabsiifame akka jabaatuu fi ol’aantummaa Wayyaanee hiddaan kan buqqisu akka ta’u qabsoon jalqabame itti fufuun barbaachisaadha. Deggeramus qaba jenna. Hawwiin keenna mootummaa Wayyaaneen boodaa abbaa irrummaa fi cunqursaan biyya Itoophiyaa keessatti raawwachuu qaba kan jedhudha. Hawwiin keenna mootummaa abbaa irree kaafnee mootummaa abbaa-irree biraa jala seenuu hin qabnu kan jedhu. Gabrummallee jijjiirachuu osoo hintayin raawwachuudha. Rakkoon yeroo ammaa kana biyyattii mudataa jiru sochii humnootaa kophaa kophaa qabsoo godhan qofaan furuun hin danda’amu. Mootummaa Wayyaanee aangoo irraa kaasanii sirna walqixxummaa fi bilisummaa irratti bu’urfame ijaaruuf gamtaa ummatootaa fi humnoota polotikaa hundumaa ammate gaafata. Humnoonni dhimmi biyya sanii nu ilaalata jedhan hundumtuu waloon dirqama qabsoo fi itti gaafatummaa fudhatuu qaban jenna. Kanaafuu Sochiin Biyyaa Itoophiyaa Qabsoon ummanni Oromoo godhaa jiruu fi qabsoo ummatoonni Itoophiyaa biroo godhaa jiran akka milkiin xumuramu hamilee haarawaan akka itti fufu waadaa isaa irra deebi’ee haarawoonsa
Gareen ol’aantummaa Wayyaanee tursiisuuf murate aangoo isaa kan harkaa ba’uuf dhiyaatte deebi’ee dhuunfachuuf cira xaxaa jira. Shira kana keessaa inni giddaan ummatoota giddutti hokkara uumuun, wolitti diinomsee kana sababeeffachuun biyyattii bulchiinsa waraanaa gala galchuudha. Shira kana fashalsuun tokkummaa keenya hundaa gaafata. Itti aansuudhaanis bakka bu’oonni Sochii Biyyaa Itoophiyaa mootummaa abbaa-irree buqqisanii sirna demokratawaa dhugaa uumuun murteessaa akka ta’ee irra deebi’ee mirkaneessa. Cunqursaa fi gabrummaa bifa kamiiyyuu hambisanii sirna walqixxummaa fi birmadummaa namootaa fi ummatootaa irratti hundaayee argamsiisuuf sirna Federalwaa demokiraata mirgi dhumfaatii fi waloo walqixatti keessatti kabajamu ijaaruu gaafata. SBI kanaafis qabsaa’a.
Kanaafuu Sochiin Biyyaa Itoophiyaa humnoonni polotikaa biyya keessaa fi biyya alaatti argaman hundumtuu daddaffiin walitti dhufanii humnaa fi qabeenna isaanii walitti qindeessanii mootummaa abbaa-irree kana aangorraa qaarsanii Itoophiyaa haarawa kan mirgi hundumaa keessatti kabajamu akka ijaaran waamicha dhiyeessa!
Dhugaa fi haqxi hundumaaf

Ingen kommentarer:

Legg inn en kommentar